Oromiya Ummatni Oromoo ummata afaan kushi dubbatu kan bahaa fi kaaba baha Afrikaa keessatti argaman keessaa tokko dha. Ummatni Oromoo kaabaan hanga Tigraay, kibbaan hanga Keeniyaa faffaca'ee argama. Gaanfa Afrikaa keessa Oromoon saba kushii dubbatu guddicha dha. Akkaataan lafa, aadaa fi afaan isaa Oromoo Afrikaa keessa dabre immoo addunyaa keessatti akka beekamtu isa godheera. Qo'annoon jiru akka ibsutti Oromoon ganna kumaa ol Afrikaa Bahaa keessa akka jiraate amanama (Prouty at al, 1981). Oromoo Saba 'Pastoralist/nomadic' fi 'semi-agriculturalist' jedhaman keessaa akka dhufe amanama.

Jaarraa 16 keessatti eega mootummaan Habashaa fi Sulxaanetii Adaal wal hadhanii lachuu dadhabanii dhiisanii booda, ummanni Oromoo gara Kaabaatti (kaaba Oromiyaa ammaatti)babal'atan. Abbaan amantii 'Baahiree' jedhamu akka bara 1593tti barreessetti jajjabeenya Oromoon yeroo sunitti qabu cimaa akka ture ibseera. Bahrey itti aanee Oromoon akka gara kaaba-dhihaatti gara Arsii, Shawaa, Wallagga fi Goojjam akkasumas gara kaaba-bahaan gara Harargee fi Walloo akka fafaca'e ibseera.

Marcus akka jedhetti kaabi-dhihaa Boorana akka bakki Oromoon duran qubate akka ta'e ibseera. Jaarraa 17 jalqabee Oromoon Amaara irraa gargar bahuu jalqaban. Haa ta'u malee, Oromoon bulchiinsa Itoophiyaa bara suni keessatti bakka argachuu jalqabde. Keessattuu Emperor Iyoas 1ffaan (1730-55) Oromoota saba haadha isaa ta'an ofitti dhiheessuu jalqabe. Akkasumas waltajjii Gondar keessatti Afaan Oromoo akka dubbatamu taasise.

Bara 'Zemene Mesafinti' keessatti dhaloota Oromoo kan ta'an Yejjuun bara dheeraaf waraanaan Imperoota Itoophiyaa dursaa turan. Akkasumas Begemder, Enderases jalatti qoodamuu jalqaban. Yejjuunis Raas Alii 1ffaa jala bulaa ture, haa ta'u malee, bara dheeraan duuba Tewodiroos 1ffaan Raas Alii 1ffaa injifate. Ta'us, ammallee Impereronni Itoophiyaa waan dadhabaniif waraanni Yejjuu Itoophiyaa keessaa tokkoffaa ture. Oromoonni bara sunnitti beekkamoo turan keessaa 1.

Seenaa Mp3 Download. SEENAA UMMATA OROMOO. Download Play. Seenaa Solomon 'Akkamiin Diina Gombisu' New #OromoProtests Music Video. Download Play. Seenaa waraabessaa. Seenaa Oromo Download Free Mp3 Song. SEENAA UMMATA OROMOO mp3 Quality: Good Download. Seenaa Solomon 'Akkamiin Diina Gombisu' New #OromoProtests Music Video mp3.

Bulchituu Menen kan Wollo, kan bara 1800 Empress taate. Ras Mohaammad kan Wollo, kan Raas Mikaa'el ta'e, achiin bulchiinsa Sion. Bulchituu Menen kan Ambaassel, kan haadha manaa Hayila Sillaasee taate. Humnaa fi maatii imperiyaalaa wajjin walitti qabamuf jecha ummatni Oromoo hedduun Kiristaanummaatti jijjiiramanii turan.

Itti fufee immoo, gara dhuma 1800ffaatti, Emperor Yohaannis 4ffaan gosa Oromoo Walloo keessa jiran hunda akka Kiristaanummaatti jijjiraman yookaan immoo akka qabeenya isaanii dhaban sodaachisee ture. Kun immoo gosa Oromoo lafa warra dhiisan akka gara kibbaatti godaanan warra godhee ture.

Bulchaan Oromoo Mohaammad maqaa jijjiratee Abbaa lafaa Mikaa'el jedhame, niitii erga fuudhee booda abbaa Emperor Iyyaasuu 4ffaa ta'e. [edit]jalqaba waliti aanu Arsii Baalee Boorana Jimma Iluu Abbaa Booraa Shawaa Dhihaa Harargee Bahaa Wallaga Bahaa Harargee Dhihaa Shawaa Bahaa Shawaa Kaabaa Wallaga Dhihaa Gujii [edit]Qoqqoodama Oromoo Ummani Oromoo bakka kudha lamatti adda bahan. Bakka dhiha baha irra eegalee hanga bahaatti tuutnitun: Ummani Wallaggaa ummata naannawa dhihaa jiraatu ummanni kun naannawa bishaanii jiraatan; Oromoo Maccaa, Laga Dhidheessaa fi laga Oomoogidduu, kibba laga Gibee jiraatu.

IBSA GADDAA G Gootichi Oromoo Koloneel Aliyyii Cirrii har'a Sadaasaa 2017 addunyaa kanarraa du'aan boqochuu isaaniitiin Dhaabbannii Dimookraatawwaa Ummata Oromoo gadda lapheerraa itti dhagahame ibsaa ummata Oromoo hundaaf jajjabina hawwina. Dhaloonni ammaa gootummaa Koloneel Aliyyii dhaaluudhaan ummata keenya jireenya gadadoo keessaa baasuuf qabsoo eegalame cimisnee kan itti fufsiisnu haata'u. Qabsa'aan ni du'a, qabsoon itti fufa. Seenaa Gooticha Oromoo Koloneel Aliyyii Cirrii Kitaaba Sheleme K Jima Seenaa Gootota Oromoo Kan 2009:298, maxxansa 2ffaarraa fudhatame akka armaan gaditti isiinif dhiheesine jirra dubbisa gaarii: ========= Koloneel Aliyyii Cirriin godina Baalee aanaa Dalloo Mannaa ganda Cirriitti; abbaa isaa obbo Cirrii Jaarraa fi haadha isaa aadde Badheessoo Miinaa irraa bara 1912 dhalate. Koloneel Aliyyii Cirriin qabsaa’ota Fincila Baalee keessatti hirmaatan keessaa isa tokko.

Kitaaba Sena Qabsoo Ummata Oromoo

Gabrummaa ummatarra ga'aa tureen aaruun ijoollummaa isaatti; umriisaa 12ffaan qabsaa’uf bosonaa seene. Qabsoorra osoo jiru, Jeneraal Waaqoo Guutuun qabsoo jalqabuu yeroo baru, waliin qabsaawuu jalqaban. Koloneel Aliyyiin sana duras ummata biratti qabsoon beekkamaa waan tureef, Jeneraal Waaqoo hedduu gammachiise. Download software awakeve uverworld rar. Sirna Hayilasillaasee keessa bara 1957 Waxabajjii keessa Oborso aanaa Madda Walaabuutti nafxanyaa muddees waraanera.

Qabsoo Oromoo Baalee finiinsuunis nama maqaa adda durummaa qabu. Koloneel Aliyyii Cirriin hiriyoota fi qabsaa’ota akka isaa Haji Goobanaa Yuuboo, Saamoo Kormee, Jeneraal Waaqoo Guutuu, Koloneel Adam Jiloo, Koloneel Dubroo Waaqoo, Koloneel Huseen Bunee, Koloneel Kadir Waaqoo Shaaqeefaa waliin diinan lolaa turan.

Aanaa Dalloo Mannaa fi Madda Walaabuu kan waldaangessu Malkaa Amaanaarratti guyyoota 7f nafxanyaan saamichaa fi weeraraaf bobba’e akka hin dabarre dhoorkera. Camarrii, Horri Korree, tulluun Araaraa, tulluun Habbisuu (lafti dhaloota warra isaa) nafxanyaa muddaa ofii injifannoon keessa burraaqaa turani. Aliyyi Cirriin; Jaarraa Habbisuu Jiloo Galma Odaa Guljuu Bariisoo Huqqaa jechuun abbootii isaa lakkaa’a. Lakkoofsichis gosa isaa Karrayuun isa geessa. Koloneel Aliyyii Gubbaa, Dalloo, Angeetuu, Bidiree, Oborsofaatti goota diina irriiba halkanii dhoorkee guyyaa abjoochise ture.

Seenaa Oromoo Wallaggaa

Magaalaa Oborsootti waraanni Aliyyii Cirrii waraana nafxannaa barbadeessera. Aliyyiin nama cunqursaa danda’ee baatu hin turre. Aliyyi, magaala, jajjaba, dhaabbata qajeelaa qabu. Koloneel Aliyyii haadha warraa afur irraa ijoollee 25 horateera.

Hacaaluu Hundeessaas sirba isaa keessatti; Aliyyii Cirriitu beeka. Karaa dhoombiriin dhukaate. Jechuun Aliyyiin dhukaasa dhoombiriin gita akka hin qabne dhugaa ba’eefira. Aliyyi goota qawwee dhoombiriin xiyyaara samii buusus ture. Ayyaana Iid Al faxir 1437ffaa, bara 2008 sababeeffachuun OBS Aliyyii Cirrii waliin turmaata taasiseet ture. Koloneel Aliyyiin 'Ilmaan teenyayyuu osoo qabsoorra jirruu bosonuma keessatti horre, yeroon nuti loon horsiifannee dikee jalaa harre hin jiru.

Humnaa fi yeroo keenya bosona seennee qawwee diinarratti dhukaasaa turre.' Jedha seenaa isaa yoo himatu. Koloneel ijoollummaa isaatirraa eegalee lolaa fi adamoo baay’ee jalata ture. Adamoo kanaas kan gaggeessaa turan obbooloota isaa A/Raamaan Cirrii, Awwaluu Cirrii,Usmaan Cirrii,Isaaq Cirrii,Harbisee Cirrii waliin ture. Abbaan isaanii loltuu cimaa loltoota sirna nafxanyaa waliin yeroo dheeraa wal waraanaa turuun haaloo ilmaan Oromoo lubbuun isaanii darbe gumaa deebisaa turani. Mootummaa Hayilasillaasee hidhannoon Oromoorraa qolachaa turan. Qabsoo isaanitiin mootummaan H/sillaasee uummata Oromoo irratti cunqursaa gaggeessaa ture keessaa garee waraana shaambaal Baqqalaan hoogganamu waliin bakka Sannaatee jedhamutti wal waraanuun shaambaal Baqqalaa ajjeesun loltoota isaa hedduus barbadeessuun injifannoo argataniru.

Mootummaan H/Sillaasee loltootni isaa dhumachuu dhaga’ee hoomaa waraanaa baay’ee erguun akka obbo Cirrii Jaarraan qabamu godhe. Mana hidhaa Gobbaattis darban. Waggaa shaniif mana hidhaa Gobbaa keessaas turan.Dhuma waggaa shanii booda qaamni mootummaa H/sillaasee Cirrii Jaarraa lubbuu baay’ee balleessitee jirtaan, umurii guutuu hidhamuurra gumaa nama ajjeestee kanfalii ba’i jedhame. Innis dheebuu qabsoo ilmaan Oromoof qabu waan itti urgooftef mana hidhaa keessa taa’urra gumaa kaffalee ba’uu wayyaan kaffalee ba’e. Madda Walaabutti deebi’ee galuunis maatii isaa fi ijoollen isaa maal irra akka jiran erga hubatee booda Aliyyii Cirrii, Awwaluu Cirrii, A/ramaan Cirrii, Usmaan Cirrii, Isaaq Cirrii fi Harbisee Cirriin waraana akka baran taasise. Baaletti yeroo Aliyyii Cirriifaanti ijoollee turan qabsoo kan jalqabe Mahaammad Gadaa Qaalluuti.

Qawwee Xaaliyaanirraa bara 1938 argateeni lolichas kan jalqabe.Sirna Hyilasillaasee sanarra gabrummaan filatamuu baatus Xaaliyaanii wayyaayyu Oromoof jedhu Haji Adam Tiinnaa seenaa Koloneel Aliyyii fi hacuuccaa bara sanaa yoo himan. Aliyyii Cirriifaanti lola Mahaammad Gadaa Qaallurraa baratan. Sirni nafxanyaa Mahaammad.